Pireezidaanti Mosxafee Mahaammad Samaraa galan

Pireezidaanti Mosxafee Mahaammad Samaraa galan

Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Mosxafee Mahaammad magaalaa Samaraa galaniiru.

Sagantaan Afxiraa ummata obboleeyyan Afaarii fi Somaalee magaalaa Samaraatti har’a ni gaggeeffama.

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Mosxafee Mahaammadii fi Ministira Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis dabalatee Pireezidaantiin mana maree waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajii Ibraahiim Tufaa, jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa biroo saganticharratti hirmaachuuf magaalaa Samaraa galaniiru.

Jilichi wayita magaalaa Samaraa gahu Pireezidaantii Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoota olaanoo naannichaa biroon simannaan taasifameefira.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment