Pireezidaanti Joo Baayidaan karaa nagaan aangoo dabarsuuf waadaa galan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC) – Yeroo aangoo isaanii xumuraa kan jiran Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan karaa nagaan aangoo dabarsuuf waadaa galaniiru.

Paartii Diimokiraatawaa bakka bu’uun waggoota arfan darbaniif Ameerikaa kan dursan Joo Baayidan filannoo Pireezidaantummaa kaleessa gaggeeffameen Paartii Rippaablikaanootaa Doonaald Tiraampiin injifatamuu hordofee karaa nagaan aangoo dabarsuuf waadaa galaniiru.

Joo Baayidan ergaa dabarsaniin bu’aa filannoo kan fudhatan ta’uu fi aangoo karaa nagaan dabarsuuf waadaa galaniiru.

Paartii isaanii bakka bu’uun filannicharratti morkii cimaa kan taasisan Kamaalaa Hariis dinqisiifataniiru.

Filannoo Pireezidaantummaa gaggeeffame injifachuun Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa kan ta’an Doonaald Tiraampiif ergaa baga gammaddee dabarsaniiru.

Barri hojii isaanii kan milkii akka ta’u hawwaniiru.

Tiraampi guyyoota 74 booda hanga aangoo fudhatanitti Joo Baayidan aangorra turu jechuudha.

Gama biroon Kamaalaa Hariis injifatamuu isaanii amanuun Doonaaldi Tiraampiif ergaa baga gammaddee dabarsuu BBCn gabaaseera.

Sirni waadaa galuu fi aangoo fudhachuu Doonaald Tiraampi bara Faranjootaa Amajjii 20, 2025 gaggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment