Pireezidaanti Imaanu’eel Maakroon daawwannaa Jarmanitti taasiisuuf turan haqan

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon rakkoo nageenyaa biyyattii muudate hordofee daawwannaa Jarmanitti taasiisuuf turan haquu beeksisan.

Pireezidaantichi waggoota 23 booda Jarmanitti daawwannaa hojii jalqabaa taasiisuuf karoora qabatanii turan sababa rakkoo nageenyaan haquu isaanii ibsameera.

Gitni isaanii Jarman Firaanki Waaltar daawwannaan hojii Maakroon haqamuun isaa carraa badaa ta’uu ibsuun waldhabdee ollaa keenya Faransaay keessatti uumame ni hubanna jechuun ibsaniiru.

Imaanu’eel Maakroon daawwannichi haqamuun erga beeksisanii booda yeroon daawwannichi itti taasifamu ifatti kan hin beekamne ta’uu ibsuu BBCn gabaaseera.

Waldhabdee kana hordofee hanga ammaatti lammiileen Faransaay kumni 1 fi 300 to’annoo jala ooluu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment