Finfinnee, Amajjii 4, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDR Dooktar Abiy Ahimad Itiyophiyaatti daawwannaa hojii taasisaa kan turan Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammuud gaggeessaniiru.
Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammud daawwannaa taasisaa turaniin marii bu’aa qabeessa hariiroo waloo caalmaatti cimsan erga taasiifnee har’a waaree booda gara biyya isaaniitti gaggeessineerra jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
#Oromiyaa #Ethiopia