Pireezidaant Saahilawarq Zawdeen miseensota Komishinii Marii Biyyaalessaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen miseensota Komishinii Marii Biyyaalessaa waliin mari’atanIIRU.

Komishinichi hojiilee baatiiwwan arfan darbanitti hojjeterratti Pireezidaant Saahilawarqiif ibsi taasifameera.

Adeemsa qophiin duraarratti qaamolee dhimmamtootaa waliin mariin garaagaraa gaggeeffamuu walitti qabaan komishinichaa Proofeesar Masfin Arayaan eeraniiru.

Hojiin naannolee fi qaamolee dhimmi ilaallatu ijoo ta’an waliin mari’achuu akkasumas yaadiddama bu’uuraa marichaa qopheessuurratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Komishinichi imaanaa fi itti gaafatamummaa itti laatame akka ba’atuuf deeggarsi akka taasifamuuf gaafataniiru.

Pireezidaant Saahilawarq gamasaaniin, mariin biyyaalessaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuuf jedhu biyyoota biroof fakkeenya ta’uu akka danda’utti dhiibbaa tokko malee ga’eesaa akka ba’atu yaadachiisaniiru.

Kanaafis deeggarsiifi tumsi barbaachisaan komishinichaaf kan taasifamu ta’uu mirkaneessaniiru.

Komishinichi rakkoo tasgabbii, buqqaatii fi  miidhaa lammiileerra ga’u ittisuuf abdii guddaan irra kaa’amuu ibsuun, ga’eesaa akka ba’atuuf waamicha dhiyeessuu EBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment