Pireezidaant Eerdoohaan hojjettoota mootummaaf daballii miindaa %45 taasisan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Turki Reesiip Xaayip Eerdoohaan hojjettoota mootummaaf daballii miindaa %45 taasisuu beeksisan.

Pireezidaan Eerdoohaan daballii kana kan taasisan filannoo waliigalaa Caamsaa 14 eegalu hordofee ta’uu ibsameera.

Daballiin miindaa kun kaffaltii miindaa hojjetaa mootummaa isa gadi aanaa gara Liiree kuma 15’tti kan guddisu ta’uu eerameera.

Filannoo fuula duraa kana yoo injifatanis qaala’iinsi gatii hojjettoota mootummaarratti dhiibbaa akka hin geessisneef fooyya’iinsa barbaachisaa ta’e kan taasisan ta’uu mirkaneessaniiru jedhame.

Waggoottan 20 darbaniif Turkiin kan bulchan Pireezidaant Eerdoohaan turtiisaaniin biyyattiitti jijjiiramoota gurguddoo galmeessisiisuu RTn gabaaseera.

Biyyattiitti jijjiirama guddaa fiduun maqaan isaanii kan ka’u Eerdoohaan filannoo Caamsaa 14 gaggeeffamurratti kan dorgoman ta’uus ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment