Pireeziaantiin Giinii Bisawuu Umaar Sisoolaa Imbaaloo Inistiitiyuutii Artifiishaal intalajansii Ityoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Giinii Bisawuu Umaar Sisoolaa Imbaaloo Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Ityoophiyaa daawwataniiru.

Daawwannaa inistiitiyuutichatti taasisaniin sochii dameewwan garaagaraaf gumaachaa taasisaa jirurratti Daayrektara Olaanaa Inistiitiyuutichaa Warquu Gaachanaan ibsi kennameeraafi.

Pireezidaantichi daawwannaan booda yaada kennaniin, simannaa ho’aa taasifameefiin galateeffachuun Ityoophiyaan damee teekinooloojiin keessumaa gama artifishaal intalajansiin hojiin hojjechaa jirtu kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniiru.

Biyyattiin faayidaa teekinooloojichi dameewwan qonnaa, fayyaa, dhimmoota maallaqaafi biroorratti qabu hubachuun sochii hojiirra oolmaasaa eegaluun ishee kan jajjabeeffamu ta’uu eeruusaanii ragaan inistiitiyuuticharraa argame ni mul’isa.

Imala ce’umsa teekinooloojii Afrikaaf jalqabbiin Ityoophiyaa akka fakkeenyaatti fudhatamuu akka qabu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment