Pireezdaant Saahilawarq Zawdeen Ambaasaaddar Biraaziiliif gaggeessaa taasisan

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Ambaasaaddar Biraaziil yeroo turtii isaanii xumuran Luwiiz Eeduu’ardoo Dee Aji’ar Viilaariinihoo Peediroosiif gaggeessaa taasisan.

Wayita weerara vaayirasii koroonaa lammiilee isaanii biyyoota hedduu keessaa baasuuniifi meeshaalee ittisa vaayirasichaa deddeebisuun Daandii Qilleensa Ityoophiyaa tajaajila kenneef ambaasaadarichi galateeffataniiru.

Pireezidaant Saahilawarq gamasaaniin,turtii isaaniin hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf tattaaffii taasisaniif galateeffataniiru.

Dabalataanis Pireezidaant Saahilawarq Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Bakka Buutuu Addaa Dhaabbata Dhimma Dubartootaa Gamtaa Afrikaafi Komishinii Dinagdee Afrikaa Awaa Nidaay Seek waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin hirmaannaa dubartoonni Ardichaa hoggansarratti qaban ilaalchisee yaada waljijjiiruu ragaan Waajjira Pireezidaantiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment