Pir. Shimallis Abdiisaa fi Tamasgeen Xirunaan Bishooftuutti biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 23, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Itti Aanaan Ministirra Muummee ObboTamasgeen Xirunaan magaalaa Bishooftuu Gaara Tulluu Fooqaarra biqiltuu Ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.

Baadiyyaa qofa osoo hin taane magaalaas biqiltuun uwwisuun addunyaaf fakkeenya taanaa jedhan Obbo Tamasgeen Xirunaan.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu sadarkaa idil addunyaatti beekamtii argachuu himaniiru.

Hojiin kun caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Jiraattoonni magaalaa Bishooftuu Biqiltuuwwan dhaabbatan sirnaan kunuunsuun hojii magaalattii magariisummaan uffisuu keessatti qooda isaanii akka bahan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan waamicha dhiyeessaniiru.

Itti Aanaan Ministira Muummee ObboTamasgeen Xirunaan, Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa saganticharratti argamaniiru.

Fireehiwaat Saffiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment