Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Magaalaa fi naannawaa keenya qulqulluu taasisuuf wal haa tumsinu jechuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhaaman.
Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti pilaastikaa fi faalamni balfaa sirna uumamaa fi fayyaa keenya balaarraa kan buusuudha.
Miira itti gaafatamummaan balfa sirnaan dhabamsiisuu fi filmaatawwan waaraa fayyadamuun, qabeenya uumamaa dhalootaaf tursiisuu dandeenya jedhaniiru.
Kanaafis Magaalaa fi naannawaa keenya qulqulluu taasisuuf wal haa tumsinu jechuun dhaamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.