Peepfaar Ityoophiyaatti ittisa HIV AIDS’f deeggarsa Doolaara Miiliyoona 106 raggaase

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Peepfaar Ityoophiyaatti ittisaa fi to’annoo HIV AIDS’f deeggarsa Doolaara Miiliyoona 106 raggaasuu ibsame.

Hoggantoonni dhaabbatichaa Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaniiru.

Daawwannaa isaaniin Ministir Deetaa Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ataniiru.

Dhaabbatichi bara baajataa kanaan ittisaa fi to’annoo HIV AIDS’f Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi kuma dhibba 6 raggaasu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

Peepfaar Ityoophiyaatti vaayrasii HIV AIDS ittisuuf USAID, Ministeera Fayyaa fi qaamolee deeggartootaa biroo waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment