Baatiwwan sadan darban ciminni hin haalamne akkuma jiran, harcaatiin heddu kan mul’atuudha- -Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) –Baatiwwan sadan darban ciminni hin haalamne akkuma jiran, harcaatiin heddu kan mul’atuudha jedhan Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan. Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Gamaaggama raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana tokkoffaa bara 2017 guyyaa har’aa eegaluu ibsaniiru. Gamaggamichi kaayyoolee sadi qabaachuu eeraniiru. isaaniis Ciminaa fi hanqina adda baasuun tarkaanfi sirreeffamaa fudhachuu. Muuxannoo gaggaarii babaldhisuun walirraa barachuufi hojiilee Paartiifi Mootummaa itti aananiif kallattii ifaa ka’uu irratti kan xiyyeefatee ta’uu kaasaniiru. Raawwiin hojiilee keenyaa kurmaana darbee milkaa’ina gurguddoo akkuma galmeessise, hirdhinoonnis ifatti kan keessatti muldhataniidha. Naannoo keenyatti karoora faayidaa ummataa giddugaleeffate galmaan gahuuf, ergama Mootummaa fi Paartii sirnaan hojiirra oolchuun wabii milkaa’inaa dursaa ta’uu ibsaniiru. Bu’uuruma kanaan, qabsoo fi hoji-maneen haalota baramoo jijjiiruun galma badhaadhinaa fi faayidaa ummata keenyaa dhugoomsuuf dhimmoota ijoo shan gadi fageenyaan gamaggamuu qabna. Adeemsi hanga ammaa ummata keenya irraa hiyyummaa jiru cabsuuf hagam dandeessisa? Sochii hanga ammaatin baay’ina, qulqullinaa fi ariitiin raawwachuu hagam hojiirra oolchine? Humnoota sadan: humna waloo, humna maatiifi humna mootummaa qixa barbaadamuun hagam itti fayyadamne? Haala qabatamaa gaggeessummaa fi gahumsa hoggansa sadarkaan jiruu maal fakkaata? Akkasumas kallattiiwwan kaa’aman, murteewwaan darbanii fi inisheetiviiwwaan labsaman hagam hojiirra oolaa jiru? Qulqullinniifi jabinni gaggeessummaa hoggansa sadarkaan jiruus gaaffillee madaalchisoo kanniinin kan shallagamuudha jedhan. Kanaanis, ji’oota sadan darban ciminnii hin haalamne akkuma jiran, harcaatiin heddu kan mul’atu ta’uu eeraniiru. hojiin qabsoo itti jirru egeree biyyaa fi dhaloota badhaadhina dhaalchisuuf waan ta’eef dhimma araarama malee hojjennu ta’uu hundumtuu hubachuu qaba. Walumaagalatti, haala baratamaa jiru jijjiirun hanqinoota cabsuun gara galma badhaadhinaatti saffisaan kan deemnu yoota’u, gamaaggamni hojii kun akka milkaa’uu hawwiin qaban ibsaniiru.