Poolisiin Federaalaa uffata Seeraa jijjiiruufi jedhame Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Poolisiin Federaalaa uffata seeraa jijjiiruuf akka ta’e Koomishinarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Indashaw Xaasaw himan. Poolisiin Fedeeraala raawwii hojii bara 2012 fi karoora bara 2013 ilaalchisee gamaaggama guyyaa lamaaf gaggeessaa ture xumureera. Koomishinarri Koomishinii Poolisii Fedeeraala Jeneral Indashaaw Xaasaw, Poolisiin Fedeeraala Uffata seeraa jijjiruuf akka ta’e ibsaniiru. Dhimmicha ilaalchisee Sanbata dhufu ibsi bal’aan kan laatamu ta’uu himaniiru. Koomishinarichi,miseensonni poolisii tokko tokko Uffata seeraa ammaa jirutti fayyadamuun yakka adda addaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Yakki uffata seeraa kana uffachuun raawwatamu baayy’achaa dhufuu himaniiru. Bara 2013tti dameewwan Poolisii haaraan sadarkaa yaaliitti gara hojiitti galamuuf ta’uus Koomishinar Indashaawu himaniiru. Dameewwan Poolisii Yuunvarsiitii, Indaastirii Paarkiiwwanii fi Tuuriizimii jedhamanin gara hojiitti kan galan ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo yaalichaarraa argamu fudhachuu gara fuulduraatti dameewwan kanneeniin itti fufiinsaan kan irratti hojjetamu akka ta’ee eeraniiru. Maddi :-TOI Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Read more