Paaspoortiin kumni 190 ol maxxanfamuun gara biyyaa keessaa gale – TLI

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC) – Sababa hanqina Paaspoortiif baatiwwan 6n darbaniif adda citee kan ture tajaajila kenniinsa Paaspoortii eegalchiisuuf Paaspootiin kumni 190 ol maxxanfamuun gara biyya keessaa galuu Tajaajilli Lammummaa fi Immigireeshinii beeksiise.

Komiiwwan tajaajilicharratti ka’aa turaniis sababni guddaan hanqina Oomisha Paaspoortii ta’uu Daayrektarri Olaantuun Tajaajilichaa Salamaawiit Daawit ibsaniiru.

Rakkoolee tajaajilichi qabu adda ba’uu kaasaniiru.

Tajaajilichi hanqina oomishaalee Paaspoortii, hanqina Teeknooloojii, bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaan hidhamee turuu isaa eeraniiru.

Paaspoortiin kumni 190 ol baatii 1 keessatti maxxanfamee gara biyya keessaa akka galu taasiifamuu himaniiru.

Lammiilee Baha giddugaleessatti argamaniif Paaspoortiin kumni 16 ol argamuu kaasaniiru.

Yeroo itti aanu lammiilee erga galmaa’anii baatiwwan 6 ol lakkoofsisaniif Paaspoortiin kan laatamu ta’uu dubbataniiru.

Fulbaanaa 5, 2016 eegalee tajaajilli Viizaa onlaayiniin kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Namni guyyaan beellama Paaspoortii jala darbe yeroo hunda guyyaa Sanbataa tajaajila argachuu ni danda’a jedhan Aadde Salamaawiit.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment