Paartileen Sudaan Kibbaa mootummaa waloo hundeessuuf waliigalan

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Paartileen Sudaan Kibbaa mootummaa waloo hundeessuuf waliigalan.

Preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maayardiit akka beeksisanitti, paartileen morkattootaa fi mootummaan biyya bulchaa jiru mootummaa waloo tokko hundeessuuf waliigalaniiru.

Morkataa preezdaant Saalvaa Kiir Maayardiit; Dooktar Riik Maachaar yeroo qabametti mootummaa biyyattii hundeessuuf waliigalaniiru.

Waliigalamuun kun kan ifoome Ameerikaan qondaaltota Sudaan Kibbaa waliigalteen biyyattiitti akka hin buune taasisan lama irratti qoqqobbii kan keessu ta’uu ega beeksistee guyyaa tokkoon booda.

Qondaaltonni lamaan ministira dhimmoota kaabinee Maartiin Eeliyaa Loomuuroo fi ministira dhimma raayyaa ittisaa Kool Maanyaang Juuki.

Qoqqobbiin Ameerikaan baaste qabeenyi isaanii Ameerikaa keessatti akka hin sochoone kan taasisudha.

 

Comments (0)
Add Comment