Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC) – Paartileen Siyaasaa hundi jalqabbii boqonnaa haaraa dhugoomsuuf qooda isaanii akka ba’an abdiin qaba jedhan Walitti qabduun Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Dooktar Raaheel Baafeen.
Mareen Biyyaalessaa karaa walaba ta’een akka gaggeeffamuu fi kaayyoo isaa milkeessuu keessatti Paartiin Badhaadhinaa itti gaafatamummaa addaa qabaachuu Dooktar Raaheel ibsaniiru.
Muul’anni mana marichaa biyya tasgabbooftuu, nageenyi waaraa itti mirkanaa’e, walqixummaa fi diimookraasiin itti dagaage ijaaruudha jedhan.
Manni Maree Waloo Paartilee siyaasaa jijjiirrama eegalame cimsuun itti gaafatamummaa waloo ga’umsaan ba’uuf dhaabbata deeggarsa taasiisu ta’uu kaasaniiru.
Dhaabbatichi tasgabbii siyaasaa amansiisaa fi nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.