Paartileen naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’an waltajjii waloof taa’aniiru

Finfinnee,Muddee 6, 2012 (FBC) – Paartileen naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’an waltajjii waloof taa’aniiru.

Dhaabbilee barnoota olaanoo naannolee lamaan keessatti argamanitti walitti bu’iinsa mudaturratti mari’achuudhan kallattii furmaataa kaa’uuf ta’uun eerameera.

Hariiroo ummattoota naannolee lamaanii caalmaan cimsuurrattis ni mari’atama jedhameera.

Paartileen siyaasaas walitti dhiyeenyan akka hojjetan, sagantaa fi kaayyoo isaanii naannolee addaddaatti deeggartoota isaanitiif akka beeksifatan gargaara.

Dura taa’aan ABO obbo Daawud Ibsaa fi dura taa’aan Muul’ata Hawaasummaa Amaaraa obbo Siyyuum Mangashaan paartilee naannolee lamaanii bakka bu’uun ibsa laataniin, waltajjichi walshakkii keessaa ba’uun tumsaan hojjechuurratti xiyyeeffata jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment