Paartileen maqaa deeggartootaan dhiibamnee turre amma carraa murtoo kennuu arganneerra- Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC)- Paartileen naannolee maqaa deeggartootaan dhiibamnee turre amma qabatamaan carraa murtoo kennuu arganneerra jedhan Prezdaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz  fi miseensi koree hojii raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa Obbo Ashaadilii Hasan.

Wayita garee shororkeessaan ABUT aangoorra turetti paartilee deeggartootaa jedhamuun yaa’ii ADWUI irratti akka hin hirmaanneef dhiibamaa turuu yaadachiisaniiru.

Bara paartii Badhaadhinaa dhiibamuun hafee yaa’ii paartichaarratti hirmaachuun carraa murtoo dabarsuu argachuu eeraniiru.

Sirna kanaan dura tureen naannoleen daangaarratti argaman abbootii irree nutu isiniif beeka jedhaniin walga’iiwwan murteesoo biyyaalessaarraa dhiibamanii turuu kaasaniiru.

Biyya tokko keessatti waa’ee keenya qaamni biraan akka nuuf murteessu taasifamuun isaa dogoggora ta’us paartiin Badhaadhinaa hundeffamasaarraa kaasee hojiimaata isaa jijjiiruun dhimmoota biyyaalessaa paartii keessatti ka’an irratti naannoleen hundi carraa murtoo kennuu akka argatan taasisuu eeraniiru.

Kun ammo dandeettii murtoo kennuu isaanii haalaan akka fayyadamaniif ulaa kan banu ta’uu obbo Ashaadiliin kaasaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa paartilee deggartootaa fi ijoo kan jedhu hambisuun hunda haammataa fi hirmaachisaa ta’uu qabatamaan mul’isuu himaniiru.

Kun ammoo sirna siyaasaa biyyattiif jijjiirama guddaa ta’uu eeraniiru.

Hirmaachisummaansaa daran akka guddatuu fi rakkoolee keenya bu’uurarraa akka furruuf carraa uuma jedhan.

Paartichi walqixxummaa fi haqummaarratti paartileen amantaa waloo qaban walmakuun kan hundeessaan paartii biyyaalessaa ta’uu kaasuun hirmaachisummaan paartichaa daran cimaa akka deemu taasisuun ga’ee keenya jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment