Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC) – Paartileen Afrikaa Kibbaa filannoo torban lama dura gaggeefameen sagalee mootummaa ijaaruu osoo hin argatiin hafan mootummaa waloo ijaaruuf waliigalteerra gahuu gabaafame.
Paartiin waggoota 30 oliif Afrikaa Kibbaa bulchaa ture Paartiin ANC filannoo kanaan yeroo jalqabaaf sagalee mootummaa ijaaruuf isa dandeessisu osoo hin argatiin hafeera.
Kongireessiin Biyyoolessaa Afrikaa filannoo kanaan sagalee % 40 yoo argatu, Gamtaan Dimookiraatawaa ammoo sagalee % 22 argatee ture.
Amma Kongireessiin Biyyoolessaa Afrikaa (ANC) mootummaa waloo ijaaruuf Gamtaa Dimookiraatawaa (DA) waliin waliigalteerra ga’uu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Dhaabni DA Pireezidaantiin biyyattii ammaa kan dhaaba ANC bakka bu’an Siriil Raamaafoosaan Pireezidaantii ta’anii akka itti fufan waliigaluu BBCn gabaaseera.
Filannoo gaggeeffameen ANC teessoowwan 189, DA teessoo 87 yoo argatu, dhaabni MK jedhamu ammoo teessoo 58 argachuun ni yaadatama.
Paartiileen biyyattii keessa socho’an 12 filannoo kanarratti hirmaataanii turan.
#Oromia #Ethiopia