Paartiin Badhaadhinaa Ida’amuu akka haadatti, Badhaadhina akka ga’umsaatti fudhachuun Paartii yaada biyya keessaan of dhaabeedha – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa Ida’amuu akka haadatti, Badhaadhina akka ga’umsaatti fudhachuun Paartii yaada biyya keessaan of dhaabeedha jedhan Preezdaantiin Paartichaa fi Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad

Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaa uummataa fi hoggantoota fedhii jijjiiramaa qabaniin paartii dhalate ta’uu ibsaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa akka Ityoophiyaatti qofa osoo hin taane akka Afrikaatti paartii guddaadha jedhan.

Yaa’ichaan saboonni hundi hanga baayyina isaaniin kan hirmaatan ta’uu himaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa Paartii maqaa qofa osoo hin taane qabatamaatti paartii Ityoophiyaa ta’uu eeraniiru.

Kanaan dura paartileen garaagaraa tokko ta’uu yaalanis milkaa’uu akka hin dandeenye yaadachiisaniiru.

Paartichi paartii yaada qoqqooddaa diige ta’uu fi  Paartii diimokirasii dhugaa ta’uu dibbataniiru.

Paartiin badhaadhinaa paartii filannoo diimokiraatawaa gaggeessee fi hunda hirmaachise ta’uu ibsaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa rakkoo isa mudatu gara furmaataatti jijjiiruuf paartii hojjetuu fi amanu ta’uu eeraniiru.

Paartichi rakkoolee isa mudatan miiraan osoo hin taane tooftaan kan  ce’uu ta’uu addeessaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa paartii  tokkummaa sabdaneessummaatti amanu ta’uu dubbataniiru.

Paartichi yeroo  rakkoo obsaan keessa kan darbu yeroo nagaammoo biqiltuu dhaabuun misoomaaf kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Paartiin badhaadhinaa dimokiraasii mirkaneessuu kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Paartileen morkattootaa paartii olaantummaa yaadaatti amananii fi olaantummaa yaadaan falmuu akka qaban kaasaniiru.

Dhimma biyyaarratti paartilee olaantummaa yaadaarratti amanan waliin hojjechuuf Paartiin Badhaadhinaa yeroo Kamiyyuu caalaa qophii ta’uu ibsaniiru.

Yaadni Ityoophiyaa cimsu yaa’icharraa akka ka’u fedhii kan qaban ta’uu himaniiru.

Nageenyaa fi badhaadhinaaf waliin haa dhaabbannu jechuun dhaamaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment