Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa Ummata deeggarsa isaa calaqqisiise galateeffate

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa Damee Oromiyaa injifannoo jijjiiramaan booda argamee fi milkaa’inaalee itti fufsiisuuf hiriira ba’uun deeggarsaa isaa mul’ise galateeffateera.

Itti Gaafataamaan Waajjira Paartichaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan ergaa dabarsaniin ummata Naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa ba’anii deeggarsa qaban ibsanii fi ergaa dabarsaniin galatoomaa jedhaniiru.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Bitootessa 24, guyyaa jijjiiramni karaa nagaa dhugoomee fi muudama Muummicha Ministraa Kabajamoo Dr. Abiy Ahimad sababeeffachuun guyyaa har’aa guutuu Oromiyaatti hiriirri deeggarsaa seena qabeessa ta’e gaggeeffamee jira.

Hiriira kana irratti ummanni Oromoo miliyoonotaan lakkaahamu gamtaadhaan bahee addunyaadhaaf ergaa ciccimoo dabarsee jira.

Bilisummaa, walqixxummaa fi qabsoo haqaaf taasifame akkasumas aarsaa kaffalame yaadachuudhaan jijjiirama booda injiffannoowwan argamaniifis beekkamtii ol’aanaa kennee jira.

Ummatni Oromoo hoggansa jijjiiramaa qabsoo sana hogganee fiixaan baasee fi milkaa’inoota gurguddoo nuuf dhugoomse galateeffatee addatti immoo Muummicha Ministraa keenya Dr. Abiy Ahmadiif kabaja, galataa fi jaalala qabu sagalee ol qabee dhaggeesisee jira.

Humnoota finxaaleyyii sirna karaa nagaatiin jijjiiramee fi imala badhaadhinaa irratti argamu karaa shiraa fi humnaatiin diiganii qaxxaamuraan aangoo qabachuu hawwan irratti hadheeffatee akka qabsaa’u ergaa cimaa dabarfatee jira.

Sirna dimokraasii ijaaramaa jirus akka qaroo ija isaatti akka tikfatuu fi galma gahiinsa isaatiifis gahee irraa eegamu bahatu mirkaneesseera.

Ummatni naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa guutuu Oromiyaa irraa baatanii deeggarsa sirna keessaniif qabdan ibsachuudhaan firaafis diinaafis ergaa ciccimoo dabarfattan galataa fi kabaja guddaa isiniif qabna.

Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, abbootiin gadaa, haadholiin siinqee, dargaggoonni, dubartoonni, qonnaan/horsiisee bultootni, jiraattotni magaalaa, hojjattootni mootummaa fi qaamoleen hawaasaa hiriira kanarratti hirmaattanii deeggarsa keessan ibsitan hundi galatoomaa, ulfaadhaa!

Qaamoleen nageenyaa, hoggantootni mootummaa, caasaaleen hanga gandaa jirtan, jaarmiyaaleen dargaggootaa fi dubartootaa akkasumas qaamoleen hiriira kana qindeessuu fi milkeessuu keessatti gahee keessan taphattan hundi baay’ee galatoomaa!

Imalli keenya dheeraa, galmi keenyas guddaadha!

Waliin imalla, waliin qaqqabna!

Irra deebiin Galatoomaa, Ulfaadhaa!

Fiqaaduu Tasammaa

I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa!

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment