Paartiin Badhaadhinaa ogeeyyii yaalaa dhibee koroonaa yaalaniif meeshaalee garaagaraa deeggarsa taasise

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa ogeeyyii yaalaa dhibee koroonaa yaalaniif kan tajaajilu meeshaalee garaagaraa Biiroo Fayyaa magaalaa Finfinneef deeggarsa laate.

 
Uffataa qaama guutuu uwwisu 500 fi haguuggii harkaa kuma 8 biirichaaf laateera.
 
Ogeeyyiin yaalaa wareegama dhaloonni fi seenaan hin daganne wareegamaa jiraachuu itti gaafataman Waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Binnaalfi Anduwaalem wayita deeggarsicha laatan dubbataniiru.
 
Erga weeraricha biyyattiitti muul’atee eegalee lubbuu fi maatii isaanii osoo hin jedhin xiyyeeffannoo guutuun lubbuu baraaruuf wareegama olaanaa kaffalaa jiraachuu himaniiru.
 
Deeggarsi har’aa isaan cinaa jiraachuu keenya muul’isuu fi dinqisiiffannaa qabnu ibsuuf kan jedhan obbo Binnaalfi, hawaasni hundi ogeeyyii kanneen cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.
 
Deeggarsi taasifame kennaa olaanaa ta’uu hogganaan Biirroo Fayyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Yoohaannis Caalaa dubbataniiru.
 
Wayita kanatti onnee guutuun hawaasa tajaajiluuf qophii qabaachuu mirkaneessuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetaariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment