Paartiin Badhaadhinaa tarkaanfii imaanaa ummataa itti laatame ba’uuf dandeessisu fudhachuu beeksiise

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa Yaa’ii 1ffaa mata duree “Qormaatarraa gara Badhaadhinaatti” jedhuun gaggeessaa ture milkiin xumuruu Itti aanaan preezdaantii paartichaa obbo Adam Faarahiin himaniiru.
Obbo Adam Faarahiin haala walii galaa Yaa’ii paartii Badhaadhinaa 1ffaa gaggeeffamaa ture ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Paartichi murtoowwan tokkummaa keessoo cimsanii murteessuu fi imaanaa ummataa itti laatamee ga’umsaan ba’uuf miseensota isaa gamaaggamuu eeraniiru.
Yaa’ii qophii duraa paartichaan miseensota kuma dhibba 1 fi kuma 8 fi 258 gamaaggamuun hoggantoota kuma 10 fi 658 irratti tarkaanfii sadarkaa garaagaraa fudhachuu eeraniiru.
Hoggantoota kuma 2 fi 574 itti gaafatamummaa isaanirraa kaasuu himaniiru.
Hanga gadiitti mariin taasiifamuun karoorri qindaa’aan qophaa’ee rakkoolee jiran furuuf ni hojjetama jedhan Itti aanaan Preezdaantii fi Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faarahiin.
Dhiibbaa Ityoophiyaarratti adeemaa ture dandamachuu, ittisuu fi qolachuuf adeemsi adeemame bu’aa qabeessa ture jedhan.
Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment