Paartiin Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee sagantaa kakaasii filannoo jalqabaa gaggeesse

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee sagantaa kakaasii filannoo jalqabaa har’a gaggeesseera.

Saganticharratti kan argaman itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee rakkoo mana jireenyaa fi qaala’iinsa jireenyaa magaalicha keessa jiru furuuf karoorri waggaa shanii qophaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Paartiin Badhaadhinaa lammiilee biyyattii hunda walqixa kan ilaaluu fi badhaadhina waloof kan hojjetuudha jedhan.

Paartichi sabdaneessummaa tokkummaa biyyaaf furmaata taasiisuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Keessattuu Paartiin Badhaadhinaa wayita Ityoophiyaan rakkoo hammaataa keessa turteetti humna uumaame ta’uu isaan yeroo itti aanu badhaadhinaa ummataaf ni hojjeta jedhaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alemuu gama isaaniin, Badhaadhinnii fi jijjiirramni fuula tokko jedhaan.

Paartiin Badhaadhinaa adeemsa jijjiirramaa keessatti dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun abdii fi milkaa’iinaan dabaallamee erga dhalatee waggaa tokko kan guutee yaada ce’ee qabatee bu’aa jijjiirramaan kan dhufe ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment