Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa Magaalaa Dirree Dawaa waltajjii ijaarsa dandeetti hoggansaa gaggeessu eegaleera.
Waltajjicharratti Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Jawaar dabalate hoggantoonni biroon argamaniiru.
Injifannoowwan waraanaa booda argaman sirnaan itti fufsiisuu hoggansi hundi dandeetti barbadamuurratti argamuu akka qabu obbo Kadir Jawaar himaniiru.
Waltajjichaan paartiichi waadaa hawaasaaf galee sirnaan hojiin deebisuu, miira tajaajilummaatiin gaaffi uummataa deebisuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii furuuf kan kaayyeeffatee ta’uu Hogganaan Paartii Badhaadhina Magaalaa Dirree Dawaa obbo Abduraahiim Yusuuf himaniiru.
Waltajjiin marii ijaarsa dandeetti kun caasaa sadarkaa gadiif akka laatamuu ragaan Paartii Badhaadhinaa maaglicharra argame ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.