Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Tokkummaa Raashiyaa hariiroo isaanii cimsuuf mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Tokkummaa Raashiyaa dhimmoota hariiroo isaanii caalmaatti cimsuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Olaanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraahi fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Federeeshinii Raashiyaa Ivaangeenii Teerahiin dhimmoota hariiroo qaamolee lamaanii cimsanirratti mari’ataniiru.

Sanadoota waliigaltee paartilee lamaan kanaan dura walii mallatteessan bu’uura godhachuun hariiroo Paartii fi Paartii hojjiitti hiikuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Paartileen lameen hariiroo hunda galeessa Ityoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu waliigalaniiru.

Obbo Adam deeggarsa Federeeshiniin Raashiyaa Ityoophiyaaf taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Federeeshinii Raashiyaa Ivaangeenii Teerahiin gamasaaniin, Ityoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo damee hundaan qaban caalmaatti cimsuuf walitti dhufeenyaa paartii fi paartii qooda olaanaa qabachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment