Paartiin Badhaadhinaa Dooktar Abiy magaalaa Aggaarootti akka dorgoman kaadhimamaa taasiisuun dhiyeesse

Finfinnee,Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa Filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessaaf Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Aggaarootti kaadhimamaa taasisuun dhiyeesseera.
Paartichi guyyaa har’a maanifeestoo fi mallattoo filannoo miseensotaa fi deeggartoota isaa Magaalaaa Aggaarootti argamaniif ifoomseera.
Dooktar Abiy Ahimad magaalichatti kaadhimamaa paartii Badhaadhinaa ta’uun dhiyaachuu isaanii ifoomeera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Aggaaroo obbo Naaziif Mahammad Amiin Paartiin Badhaadhinaa sirna hammataa sana dhabamsiisuun jijjiirama olaanaa biyyaaf kan fidee jedhan.
Paartichi filannoon marsaa 6ffaan haqa qabeessa, bilisaa fi diimookraatawaa akka ta’uu qooda isaa kan ba’u ta’uu ibsaniiru.
Hogganaan Olaanaan Paartichaa Magaalaa Aggaaroo obbo Nasiib Yaasin gama isaaniin paartiin Badhaadhinaa paartii biyyattii ceesiisuuf karoorfatee fi daandii jijjiirama qabatamaa fi ifa ta’e eegaleedha jedhan.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment