Paartiin Badhaadhinaa bu’aa filannoo sadarkaa duraa ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarseera

Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa bu’aa filannoo sadarkaa duraa guyyaa kaleessaa ifoome ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Filannoon Marsaa 6ffaa Waxabajjii 14, 2013 gaggeeffame moo’achuu Ityoophiyaa fi sirna Ijaarsa Diimookiraasii Ityoophiyaaf bu’uura cimaa kan kaa’e ta’uu paartiin Badhaadhinaa ibseera.

Ityoophiyaanoonni dhimma siyaasaa keessoo keenyaa furachuu akka dandeenyuu fi filannoo diimookiraataawaa, bilisaa fi nagaa taasiisuun aadaa siyaasaa cimaa fi sirna diimookiraasii ijaaruu eegaluu keenya filannoo ifatti muul’ise ta’uu himeera.

Filannoo kanaan Ityoophiyaan moo’achuu isheen ummanni Ityoophiyaa fi michoonni Ityoophiyaa baga gammaddan jedheera.

Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan nagaan akka xumuramuuf qaamoleen qooda olaanaa qaban hedduu ta’uu himeera.

Keessattuu Boordiin Filannoo biyyaalessa Ityoophiyaa karaa bilisa ta’een bu’aa gaariin akka argamuu fi riifoormiin gaggeesse qabatamaan bu’aa agarsiisuu ibseera.

Nuffii tokko malee dhaabilee itti gaatamummaa itti laatame ga’umsaan ba’an hunda galeeffateera.

Paartilee siyaasaa Ityoophiyaan akka injifattuuf hirmaannaa olaanaa taasiisan hundaaf kabaja olaanaa qabaachuu ibseera.

Filannoo bara kanaan ol ka’iinsi Ityoophiyaa addunyaarratti haalan muul’achuu ibseera.

Filannoon dhaloota ammaa fi dhaloota itti aanuuf muuxxannoo seenaa qabeessa ta’e kun karaa nagaan akka xumuramu qaamolee qooda qaban hundaaf galata addaa qabaachuu himeera.

Ityoophiyaanoonni hundi moo’achuu keenyaaf baga gammaddaan jedheera.

Paartiin Badhaadhinaa imaanaa ummanni filannoo bara kanaan itti laate karaa ga’umsaa qabuu fi hirmaachisaa ta’een ba’uun Badhaadhina Ityoophiyaa mirkaneessuuf murannoon kan hojjetu ta’uu mirkaneesseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment