Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Boordiin filannoo biyyaalessaa Ityoophiyaa haala gaaffiiwwaan galmee paartiiwwanirratti murtee garagaraa dabarseera.
Boordiin filannoo biyyaalessaa Ityoophiyaa gaaffii beekkamtii fi Aasxaa paartichaa raggaasisuu ilaalchisee murtee dabarseera.
Bu’uuruma kanaan:-
- miseensa ADWUI kan turaan paartiwwaan sadii fi paartiwwaan shan kanneen walitti makkamuun paartii Badhaadhinaa uumuu beeksisuun beekkamtii fi sertifikaattiin akka kennamuuf Muddee 24, 2012 barreeffamaan Boordiin filannoo biyyaalessaa Ityoophiyaa kan dhiyeeffatan yoo ta’u, boordichi qorachuun murtee kenneera.
Bu’uuruma kanaan boordichi gaaffii beekkamtii erga dhiyeessanii booddee dabalataan sanadoota guutamuu qabu bu’uuruma gaaffii Muddee 1, 2012 gaafataniin Muddee 6, 2012 gaaffii isaaniif deebbiwwanii fi ibsa guutanii dhiyaachuu kan mirkaneessu paartii Badhaadhinaa hundeessuuf
Paartii Dimookirataawaa Oromoo (PDO)
Adda Dimookirataawaa Ummattoota Kibba Ityoophiyaa (ADUKI)
Liigii Biyyaalessa Harar (LBH)
Paartii Dimookiraatawaa Amaaraa (PDA)
Paartii Biyyaalessa Dimookiraatawaa Affaar (PBDA)
Paartii Tokkummaa Ummata Gambeellaa (PTUG)
Paartii Dimookiraatawaa Ummata Beenshaanguul Gumuuz (PDUBG)
Murtee waltajjii waliigalaa taasisaniin walitti makamuu itti fufuun paartii tokko ta’uun murtee isaan murteessaan akkasumaas waliigatee walitti makamuu seeraa kan eeggate ta’uun Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa paartiiwwan haquun paartii Badhadhinaaf beekkamtii fi Sertifikeetii akka kennu muteessera.
- Yeroo galmee kan dhiyaate Aasxaan Paartii Biyyaalessa oromoo kan Adda Bilisummaa Oromoo waliin walfakkata kan jedhu boordiichaaf gaaffii dhiyaate; boordichi gaaffi dhiyaate irratti qorachuun murtee laateera.
- paartii Innaati jedhamuu paartii biyaaleessaa hundeessuf paartiin adeemsarra jirugaaffii bekkamtii fi sertifikeetiin akka laatamuuf gaaffi dhiyeesse adeemsa keessa darbamuu qabu akka guutaanii beekkamtii fi sertifikaatiin akka kennamu boordichi murti laateera.