Paartiin Badhaadhina raawwii karoora baatiiwwan jahan darbanii gamaaggamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC)- Hoggantoonni olaanoo Paartii Badhaadhinaa raawwii karoora baatiiwwan jahan darbanii Paartichaarratti mari’achaa jiru.
 
Dursaa Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Adaam Faaraah gamaaggamicharratti haasawaa taasisaniin, Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii isaa jalqabaarratti murtoo dabarsee fi filannoorratti waadaa ummataaf galee rawwachuuf carraqii olaanaa taasisa jiraachuu dubbataniiru.
 
Obbo Adaam, hoggansa hubannoo walfakkataa qabuu fi paartii fudhatama qabu ijaaruun, hirmaannaa fi fayyadamummaa ummataa mirkanneessuuf kayyeeffate hojiitti galuu kaasaniiru.
 
Bu’uurama kanaan paartichi gamaaggama raawwii battiwwaan jahan darbani naannoolee hundaa fi bulchinsa magaalootatti hojiilee hojjetaman ni gamaaggama jedhaniiru.
 
Mariicharratti hoggantoonni Olaanoon Waajjiraa Muummee Paartichaa, Naannoolee fi kanneen biroo argamuu ragaan Paartii Badhaadhinaa irra argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
Comments (0)
Add Comment