Paartiileen Siyaasaa marii waloo gaggeessaa jiru

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2014 (FBC)- Paartiileen Siyaasaa dhimmoota adda addarratti marii waloo gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Marichaanis, paartilee siyaasa morkattoota garagaraa gaaffii hoggantoonnii fi miseensoonni isaanii mana hidhaa keessaa jiranii Boordii Filannoo Biyyoolessaaf dhiyaasaan deebiinitti laatameera.

Deebicha kan laataan Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyoolessaa Aadde Birtukaaan Miidhaksaa fi itti aanaa walitti qaba boordichaa obbo Wubshaat Ayyalaadha.

Hoggantoonni boordicha akka himanitti, miseensonnii fi hoggantoonni paartiilee siyaasa morkattootaa beekkamtii mana murtiin alaatti hidhamaan boordiin filannoo biyyoolessaa dhimmichaa kan qulqulleessu garee sadii hundeessuun dhimmicha hordofa tureera.

Gareen qulqulleessaa hundaa’ee boordii filanno, paartii badhaadhinaa fi paartilee morkattootaa iddoowwan adda addaatti daawwannaa taasisuu ibsameera.

Bu’uuruma kanaan naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Beenishaanguul Gumuuzii fi bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hoggantoonnii fi miseensonni paartiilee siyaasaa hidhamanii jiraachuu mirkanaa’eera.

Dhimmichis qulqulla’aa turuun hedduun isaanii hidhaatii hiikamuu eerameera.

Akka ibsa boordii filannoottis, yeroo amma kana hidhamtoonni mana amalaa sirreessaa fi buufata poolisii jiraachuu himaniiru.

Kunis adeemsaa fi sirna seeraatin alaa ta’uu ibsameera.

Mootummaan dhimmoota qulqulla’uu qaban qulqullessee namoota mana hidhaa keessaa jiran akka hiikamaniif komishinii poolisii federaalaa fi nageenyii odeeffannoo biyyoolessaa waloon hojjechaa jiru jedhaniiru.

Miniyichil Azaazuutu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffannaa.

Comments (0)
Add Comment