Paartiileen siyaasaa fi dorgomtoonni dhuunfaa wixinee qajeelfama ramaddii miidiyaaleerratti mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyooleessaa filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffamu ilaalchisee paartiileen siyaasaa fi dorgoomtoota dhuunfaa waliin wixinee qajeelfama ramaddii miidiyaaleerratti mariitaniiru.

Maricha dorgomtoonni filannoowwan kana duraa gaggeeffamaniin miidiyaaleedhaan dulaa nu filadhaa wayita taaisan rakkoo isaan muudatee kaasuun filannoo marsaa 6ffaa irratti hojimanni haqaa qabeessaa fi madaalawaa ta’e akka diriiruu kaasaniiru.

Boordiin filannoonnicha qajeelfama baasuu fi ulagaalee ramaddii murtaa’uu Sooftiweeriin deeggaramuun kan qooduu ta’u ibsameera.

Waltajjii har’an Abbaan Taayitaa Broodkaasing sirna hojimaatichaarrati ibsa  laateera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

 

Comments (0)
Add Comment