Paartichi damee teeknooloojii qunnamtii odeeffannoon hojii jajjabeessaa hojjechaa jira – Dooktar Sammaa Xirunee

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa damee teeknooloojii qunnamtii odeeffannoon hojii jajjabeessaa hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Koreen Giddu Galeessaa Paartii Badhaadhinaa walga’ii gaggeessaa tureen maalummaa Teeknooloojii, carraa fi qormaatilee isaa ilaalchisee gamaaggama bal’aa taasiisuu miseensi korichaa Dooktar Sammaa Xiruneen ibsaniiru.

Teeknooloojiitti sirnaan fayyadamuu fi fayyadamuu dhabuu gidduutti dorgommii cimaan taasiifamaa jiraachuu eeruun, Paartiin Badhaadhinaa kana hubachuun Damee Teeknooloojii Qunnamtii Odeeffannoon hojii jajjabeessaa hojjetaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa odeeffannoon sobaa fi ololaa babal’achaa dhufuu hordofee, odeeffannoo sirrii saffisaan laachuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Sammaan ibsaniiru.

Damee Teeknooloojii Qunnamtii Odeeffannoon hojii yericha gitu raawwachuuf Paartiin Badhaadhinaa humna namaa ga’umsa qabuu horachuu fi dhaabbilee gurmeessurratti hojii hojjeteen bu’aan argamaa jiraachuu himaniiru.

Gama biroon dhimmoota ku’umsa waldhabdee ta’aa turanirratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf Paartiin Badhaadhinaa xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.

Misikkir Sinaafiqitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment