Paarkiiwwan indaastirii qonnaa guddina qonnaa itti fufiinsa qabuufi misooma dinagdee mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qabu – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC) –Paarkiiwwan indaastirii qonnaa guddina qonnaa itti fufiinsa qabuufi misooma dinagdee mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qabu jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Indaastirii Qonnaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Indastirii Qonnaa: Daandii Cehuumsa Caasaa Qonnaa
1. Daandii Qonni Irra Imalaa Ture
Qonni biyya keenyaa boodatti hafaa ta’us, damee dinagdee ijoo ta’uun itti fufeera. Mootummoonni hedduun imaammata, tarsiimoofi sagantaalee qonnaa adda addaa yaalanis, cehuumsa seektarichaa milkeessuu hin dandeenye. Kufaatii kanaaf rakkoon walitti hidhamiinsa gabaa, gamaaf gamana dhaabbachuu qonnaafi indastirii, haphina bu’uuraalee misoomaa, walumaagalatti, aadaa qonnaa boodatti hafaa akka sababaatti tarreessuu dandeenya.

Gama biraatiin, sochiin qonna biyya keenyaa sochii qeenxee ture. Tajaajilli indastirii qonnaa (agro-industry), paarkiiwwan indastirii qonnaa qindaawoo hin turre. Ilaalchi tarsiima’aa adeemsa guutuu hidhamiinsa sonaa (value chain) hubatu hin turre. Imaammanni damichaa xiyyeeffannoo isa madaalu osoo hin argatiin ture. Walumaagalatti, sochiin ture sochii qeenxee walitti hidhamiinsa qonnaafi indastirii dagate waan tureef, cehuumsi damdaneessummaa dinagdee osoo hin milkaa’in hafeera.

Hanqinoonni armaan olitti kaafne ibsituuwwan adda addaa qabu. Kanneen keessaa, hanqina loojistikii, paakeejiingii, mana kuusaa, istookii sanyii horsiisaa, nyaata beeyladaafi kkf kaasuun ni danda’ama. Hanqinoonni kunis sababa birootiin ibsamu. Fknf, omishti yeroo, qulqullinaafi baay’ina (amma) barbaadamuun akka hin dhiyaanne, turtiin yeroo faayidaa (shelf life) isaa akka gabaabbatu, qabiyyee isaa akka dhabuufi qisaasamni sassaabbii boodaa akka hammaatu taasisaniiru. Bu’aan isaas, baasii olaanaa, kasaaraa, dorgommii idil-addunyaa keessaa hirdhachuu, walumaagalatti hiyyummaa qaanessaa ture.

2. Paarkiiwwan Indastirii Qonnaa Qindawoo
Egaa, rakkoon walitti hidhamiinsa damee qonnaafi indastirii gufuu guddina dinagdee waliigalaa biyyaafi naannoo keenyaa ta’ee tureera. Haata’u malee, mootummaan keenya qaawwa gama kanaan jiru cufuufi fedhii damichaa ariitiin guddachaa dhufe guutuuf Paarkiiwwan Indastirii Qonnaa Qinda’aa misoomsaa jira.

Bu’uuruma kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa tarkaanfii haaraa (new initiatives) misooma Paarkiiwwan Indastirii Qonnaa, seektara qonnaa qaama seektara indastirii waliigalaa taasisuu hojiitti hiikaa jira. Tarkaanfiin kun walitti hidhamiinsa asii achiifi achii asii (back and forth ward) damee indastirii qonnaa ni dhugoomsa; guddina damee qonnaa ni saffisiisa; akkasumas qooda indastiriin Omisha Waliigalaa Biyyaa (GDP) keessatti qabu ni guddisa. Walumaagalatti, misooma dinagdee waliigalaa milkeessuu keessatti shoora olaanaa taphata.

Bu’aan kun akkamiin argama jechuun keenya hin hafu. Misoomni indastirii qonnaa sona omisha qonnaa dabaluu, al-galchii bakka buusuu, al-ergii onnachiisuu, sharafa alaa maddisiisuu, carraa hojii uumuufi bal’dhisuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu, ce’uumsa teeknoolojii fiduu, cehuumsa qonnaafi adeemsa indastiraalaayizeeshinii ariifachiisuu keessatti shoora baka hin buune taphata.

Paarkoonni Indastirii Qonnaa abbootii qabeenyaa lafaa dhufoof haala mijataafi deeggarsa hundagaleessaa taasisuun haqa qabeessummaafi walqixxummaa carraa dinagdee ni dabalu; itti fayyadama qabeenyaa ni gahoomsu; tumsaafi kalaqa ni jajjabeessu; teeknoolojii ammayyaawaafi beekumsa haaraaf madda ta’uun gargaaru. Kana malees, maddoota anniisaa haaromfamoo faayidaarra oolchuun, dhabamsiisa balfaa ammayyeessuufi gochoota naannoodhaaf mijatoo ta’an madaqsuun dhiibbaa faalama naannoofi jijjiirama qilleensaatiin gahan ni xiqqeessu. Akka fakkeenyaatti, Paarkii Indastirii Qonnaa Qinda’aa Bulbulaa haa ilaallu:

3. Paarkii Indastirii Qonnaa Qinda’aa Bulbulaa
Paarkii Indastirii Qonnaa Qinda’aa Bulbulaa iddoo argama isaa irraa jalqabee (baha Oromiyaa, handhuura Sulula Qiinxamaatti argamuun), baldhina lafaa irra qubateen, bu’uuraalee misoomaa guutameefiin, akkasumas “agro-ecosystem” isaatiin sadarkaa idil-addunyaa kan qabudha.

3.1. Baldhina Uwwisa lafa Naannawa Galtee Qonnaa
Paarkiin kun uwwisa lafa naannaawa galtee qonnaa (surpluses procurement area) baldhaafi midhaan gosa hedduu itti omishamu keessaatti argama. Gosoota omisha qonnaa naannaawa kanaa waggaatti dhiyaachuu danda’an tooniidhaan yoo ilaallu: qamadii 444,357.14, garbuu 91,881.89, baaqelaa 62,828.70, atara 20,850.86, timaatima 433,197.43, moosee 256,300.28, foon 12,742.49, aannan 16,842.41, damma 5.281.36, akkasumas hanqaaquu mil. 14,524.77 kan gahuudha.

3.2. Carraafi Dorgomtummaa Paarkii Indastirii Qonnaa Qinda’aa Bulbulaa
Paarkiin Indastirii Qonnaa Qinda’aa Bulbulaa carraafi dorgomtummaa hedduu qaba. inni duraa mootummaa dabalatee qindoomina cimaa qooda fudhattoota qabaachuu isaati. Uwwisni lafa naannaawa inni galtee qonnaa irraa argatu baldhaa qofa osoo hin taane, madda omisha goosoota midhaan hedduuti. Argamni isaa naannaawa mootummaan tarkaanfiilee addaa (new initiatives) qonnaa hedduu itti raawwatuufi ‘koridarii’ gabaa biyya keessaafi alaa waliin hidhata garii qabuudha. Buufata goggogaa Mojoofi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleefi Hawaasaatti dhiyeenyaan akkasumas daandii saffisaa Finfinnee-Hawasaa irratti argama. Fedhiin gabaa biyya keessaa bu’aalee industirii qonnaa ammoo ariitiin guddachaa jira.

3.3. Fayyadamtoota Paarkii Indastirii Qonnaa Qinda’aa Bulbulaa
Paarkii Indastirii Qonnaa Qinda’aa kamuu qooda fudhattoota hedduu kan hirmaachisu, walitti fiduufi fayyaduudha. Gama kanaan Paarkii Indastirii Qonnaa Qinda’aa Bulbulaas dhiyeessitoota galteewwanii, qonnaan bultoota, sassaabdota (collectors), daldaltoota, qindeessitoota (processors), al-ergitoota, misoomsitoota “real estate”, geejjibsitoota, dhaabbilee faayinaansii, dhaabbilee miti/mootummaa, fayyadamtoota, hojii barbaaddota, qorattoota, ogeessota, leenjitoota (practitioners) ni hirmaachisa, walitti hidha, fayyadamoo taasisa.

3.4. Hudhaalee Furamuu Qaban
Faayidaaleen tarreeffaman akka argaman hojiileen atattamaan raawwatamuu qaban ni jiru. Beeksisaafi ibsa gahaa taasisuun invastaroota fakkeenyummaafi muuxannoo qaban, akkasumas abbootii qabeenyaa lafaa dhufoo onnachiisan hojiitti galchuu; dandeettii faayinaansiifi qophaa’ummaa invastaroota fedhii qabaniifi kanaan dura paarkichatti makaman guddisuu, dheerina adeemsa biirokiraasiifi qaqqabummaa faayinaansii gabaabsuu; hidhamiinsa gabaa uumuufi kkf.

4. Guduunfaa
Walumaagalatti, paarkiiwwan indastirii qonnaa guddina qonnaa itti fufiinsa qabuufi misooma dinagdee mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qabu. Qonnaan bultootafi qooda fudhattoota indastirii birootiif giddugala walgeettii ta’anii fayyadu. Mootummaa cinaatti, invastaroota dhuunfaa guddina hawaasa baadiyyaa keessatti gumaachuu danda’an uumu.

Kanaafuu, paarkiiwwan indastirii qonnaa irratti ‘invasti’ gochuun murtee dinagdee beekumsaan masakame qofa osoo hin taane, tarkaanfii misooma dinagdee itti fufiinsa qabu galmaan ga’uufi hiree dhaloota egeree bareechuu dandeessisuudha.

Qooda fudhattoota, addatti ammoo invastaroota misooma parkiiwwaan indastirii qonnaa keessaa harka qabaniif ulfinan qabu ibsuun barbaada. Misooma kana ni jalqabne malee hin goolabne. Fedhiin gama kanaan jirus ariitiidhaan dabalaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, abbootii qabeenyaa maallaqa isaanii indastirii qonnaa irratti ykn keessatti dhangalaasuu barbaadaan gama hundaan kan jajjabeessu ta’uu mirkaneessuun barbaada.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment