Paarkiiwwan indaastirii Itiyoophiyaa invastimantiif filatamoo ta’uu Abbootiin Qabeenyaa Jaappaan ibsan

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC)- Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa invastimantiif filatamoo ta’uu Abbootiin qabeenyaa Jaappaan fooramii Invastimantii Itiyoo-Jaappaan irratti hirmaataan ibsan.

Abbootiin qabeenyaa fooramicharratti hirmaataan Paarkiiwwan Indaastirii Boolee Lammii fi Qilinxoo daawwataniiru.

Paarkiiwwan kanneenittis bu’uuraalee misoomaa, sochii hojii akksumaas hirmaannaa abbootii qabeenyaa paarkichaa daawwataniiru.

Paarkichatti hojiilee invastimantiirratti yoo bobba’aan onnachiistuuwwan argachuu danda’anirratti ibsi kennameeraafi.

Hoji Raawwachiisaa Ittaanaan Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa Obbo Zaman Juunaddiin, hariiroon Itiyoophiyaa fi Jaappaan yeroo dheeraa lakoofsisus paarkiiwwan indaastirii koorporeeshinicha jalatti bulaan keessatti hirmaannaan abbootiin qabeenyaa Jaappaan gadaanaa ta’uu ibsaniiru.

Koorporeeshinichis abbootii qabeenyaa Jaappaan simachuun keesummeessuuf qophii ta’uun eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa Jaappaan dameewwan invaastimantii keessaas damee maanufaakchariingiirratti akka bobba’aniif haalduree barbaachisan xumuruu fi fuulduratti hirmaannaa abbootii qabeenyaa Jaappaan dabaluuf koorporeeshinichi Ministeeraa Dhimma Alaa fi Itiyoophiyaatti Embaasii Jaappaan waliin hojjechaa jirachuu kaasuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment