Paarkiin Invastimantii Dubaayi Ityoophiyaatti Paarkii Indaastirii ijaaruuf fedhii qabaachuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015(FBC)- Paarkiin Invastimantii Dubaayi Ityoophiyaatti Paarkii Indaastirii guddaa ijaaruuf fedhii qabaachuu ibseera.

Jilli Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Akililuu Taaddasaan durfamu Paarkii Invastimantii Dubaayi magaalaa Dubaayitti argamu daawwateera.

Jilichi daawwannaan cinaatti Maanaajara damee daldalaa paarkichaa Saaliim Al Hajarii waliin dhimmoota invastimantiirratti mari’ateera.

Saaliim Al Hajariin dhaabbanni isaanii Ityoophiyaatti Paarkii Indaastirii guddaa ijaaruu kan barbaadu ta’uu ibsaniiru.

Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii kanaan dura Garee Invastimantii Dubaayi waliin gama viidiyoo koonfiransiin mari’achaa turuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment