Paarkiin Indaastirii  Yirgaalam galii Doolaara miiliyoona 4.4 ol argachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Paarkii Qindaa’aan Indaastirii Qonnaa Yirgaalam oomishaalee gabaa alaaf ergerraa galii Doolaara miiliyoona 4 fi kuma dhibba 4 ol Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Sidaamaa beeksise.

Paarkiin indaastrichaa waggaa tokko dura sheediiwwan 11’n hojii eegaluu fi yeroo ammaa dhaabbileen 5 oomisha zayita avookadoo, dammaa, aannanii fi bunarratti bobba’an oomishaalee isaanii gabaa alaaf erguun galii argamsiisaa jiraachuu ibsameera.

Paarkichi hojii erga eegalee galii Doolaara miiliyoona 4 fi kuma dhibba 4 ol argamsiisuu hojii raawwachiisaa olaanaan paarkichaa obbo Mamruu Mookee ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment