Paarkiin Indaastirii Bulbulaa Abbootii qabeenyaa 42 simachuun hojiitti galaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Paarkiin Indaastirii Qonnaa Qindaa’aa Bulbulaa abbootiin qabeenyaa 42 simachuun hojiitti galaa jiraachuu Korpooreshinii Misoomaa Paarkii Indaastirii Oromiyaa beeksise.

Qondaaltoonni Olaanoo Naannoo Oromiyaa fi Abbootiin qabeenyaa sochii Paarkii Indaastirii Qonnaa Qindaa’aa Bulbulaa daawwataniiru.

Hoji Gaggeessistuun Korporeeshinichaa Aadde Sannaayit Mabree, Paarkiin Induustirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa yeroo ammaa abbootii qabeenyaa 42 simachuun hojiitti galaa jiraachuu himaniiru.

Paarkichi oomishaalee qulqullinaafi baay’inaan oomishuun, oomisha biyya alaarraa galu bakka buusuu fi alergii guddisuun sharafa alaa kan argamsiisudha jedhan.

Paarkiin Induustirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Jiddoo Kombolchaatti lafa heektaara 271 irratti kan ijaaramedha.

Mulugeetaa Girmaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment