Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Paarkiin Indaastirii Boolee Lammii galii Doolaara miiliyoona 44 maddisiisuu ibsame.
Bara baajataa kana Oomishaalee Indaastiricha keessatti oomishaman gara alaatti erguun galiin Doolaarri miiliyoonni 44.5 argamuu Hojii Gaggeessaan Paarikichaa Tinsaa’ee Yimaam himaniiru.
Sosochiin paarkichaa guyyaa har’aa gaazexeessitoota miidiyaalee garaagaraa keessaa walitti babba’aniin daawwatameera.
Abbootiin qabeenyaa paarkichaa harki caalu oomisha huccuurratti kan bobba’an ta’uu hojii gaggeessichi ibsaniiru.
Paarkiin Indaastirii Boolee Lammii boqonnaan lamaan kan ijaarrame yoo ta’u lafa hektaara 353 irra kan qubateedha.
Hojjettoota yeroo ammaa Paarkicha keessatti hojjechaa jiran kuma 18 fi 900 keessaa kumni 17 hojjettoota dhaabbii ta’uu himameera.
MaddI:-DhPI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna