Paarkiin Indaastirii Adaamaa bara kana oomishaalee alaa galan Birrii biiliyoona 3.6 ol baasaan biyya keessatti oomishuuf karoorsuu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 14, 2017 (FBC) – Paarkiin Indaastirii Adaamaa oomishaalee gabaa alaaf dhiyaatan dabalataan bara kana oomishaalee alaa galan Birrii biiliyoona 3.6 ol baasaan biyya keessatti oomishuuf karoorsuu beeksiseera.

Karoora kana milkeessuuf Invastimantii alaa caalmaatti guddisuuf qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Sheedoonni ijaaraman hundi abbootii qabeenyaan qabamuu Hojii Gaggeessaan Paarkichaa Obbo Gululaat Abbabaan himaniiru.

Dhaabbilee gara paarkichaa dhufan 13 keessaa 11 adeemsa oomishaa eegaluu eeruun, kanneen hafanis baatiwwan lamaan itti aanaan keessatti gara hojiitti galchuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bara oomishaa darbe oomishaalee alaa galan Birrii biiliyoona 2.8 baasaan biyya keessatti oomishuun danda’amuu himuun, Sharafa alaa Doolaara miiliyoona 50 biyyaaf argamsiisuus eeraniiru.

Bara 2017 keessa ammoo oomishaalee alaa galan Birrii biiliyoona 3.6 ol baasaan biyya keessatti oomishuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment