Paarkii TQO humna guutuun hojiitti galchuuf mari’atame

Finfinnee, Amajjii 17, 2015 (FBC)- Paarkii Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoo (ICT) humna guutuun fi bifa haaraan gara hojiitti galchuuf mari’atameera.

Marichis Ministeeraa Innooveeshinii fi Teeknooloojiin kan qophaa’ee dha.

Mistirri Ministeerichaa Ballaxaa Mollaan hoggantoota olaanoo Tajaajila Elektirikii Ityoophiya fi Poolisii Federaalaa waliin marii gaggeessaniin, Paaricha hojiitti galchuuf bu’uuraalee misoomaa murteessoo qindoominaan guutuuf mari’ataniiru.

Fuulduratti tajaajila isaa saffisiisuuf dhaabbilee biroo dhimmichi ilaallatu waliin mariin akka gaggeeffamus eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment