Paarkii Indastirii Qilinxootti qaamolee xiyyaaraa oomishuuf waliigalteen mallateeffame

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC)- Paarkii Indastirii Qilinxootti meeshaalee qaama xiyyaaraa oomishuuf sanadni waliigaltee mallateeffame.

Waliigaltechi Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa, Koomishinii Invaastimantii Ityoophiyaa fi Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii giduutti mallatteeffameera.

Daandiin qilleensichaa dhaabbataa oomishaa xiyyaaraa idil addunyaa Booyiingi waliin ta’uun meeshaalee qaama xiyyaaraa akka oomishu ibsamuu ragaan koomiishinicharraa argame ni mul’isa.

Pirojektichis baasii Doolaaraa miiliyoona 15’n kan hojiirraa oolfamu yoo ta’u, lammiilee 300 ol ta’aniif carraa hojii ni uumaan eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment