Paarkii Indaastirii Kombolchaa hatattamaan gara hojiitti galchuuf deeggarsi barbaachisaan ni taasifama jedhame

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Paarkii Indaastirii Kombolchaa hatattamaan gara hojiitti galchuuf deeggarsi barbaachisaan kan taasifamu ta’uu hojii raawwachiisaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii obbo Saandookan Dabbabaa ibsan.

Jilli hojii raawwachiisaa Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii obbo Saandookan Dabbabaan durfamu paarkii Indaastirii kombolchaa daawwateera.

Jilichi miidhaa fi saamicha garee shorokeessaan ABUT paarkicharraan ga’e ilaaleera.

Miidhaan paarkicharra ga’e gareen shororkeessaan ABUT farra guddina biyyaa ta’uu isaa kan agarsiisu ta’uu obbo Saandookan ibsaniiru.

Daawwannaan cinaatti hojii gaggeessaa paarkichaa dabalatee abbootii qabeenyaa fi hojii gaggeessitoota dhaabbilee garaagaraa waliin mari’achuu ibsameera.

Paarkichi hatattamaan gara hojiitti galchuuf koreen dhaabbatee deeggarsi barbaachisu kan taasifamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastiriirraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment