Paarkichi meeshaalee biyya keessaa bakka buusuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru ibse

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC)- Daldala alergii guddisuu fi meeshaalee biyya alaatii galfaman kan biyya keessaatiin bakka buusuuf hojjechaa jiraachuu Paarkiin Indaastirii Hawaasaa beeksise.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa, Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Sidaamaa fi Paarkiin Indaastirii Hawaasaa waliin ta’uun daawwannaa guyyoota sadiif taasisaniiru.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawiit Kaasaan daawwannicharratti, Paarkiin Indaastirii Hawaasaa meeshaalee biyya alaatii galfaman bakka buusuuf, alergii dabaluu, teeknooloojii ceesisuu, carraa hojii uumuu fi hojiilee hawaasummaa biroorratti bal’inaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Dabalataan, balfa indaastiricha keessa ba’u qulqulleessuun irraa deebiin hojiirra akka oolu taasisuun yaadoo faalama naannawaa hambisuu ragaan waajjira kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment