Paampiiwwan bishaanii anniisaa aduun hojjetan dhiyeessii bishaaniif murteessoo ta’uun akeekame

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC)- Paampiiwwan bishaanii anniisaa aduun hojjetan naannawaalee hanqina roobaa qabanitti bishaan dhiyeessuuf meeshaalee murteessoo ta’uun akeekame.

Ministirri Bishaanii Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaan Walga’ii Koree Naannawaa Afrikaa 6ffaa Kootdiivaar Abijaanitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Waltajjicharratti damee misooma Annisaa Aduu gaggeeffamaa jiranirratti ibsa taasisaniiru.

Keessumaa deeggarsa Dhaabbata Soolaar Aliyaansiin misoomaa anniisaa aduu Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jirurratti ibsa kennaniiru.

Haaluma kanaan Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Aanaa Yirgaa Caffeetti Pirojektii Paampii Anniisaa Aduun hojjetu ijaaramee xumurame sadarkaa Afrikaatti fakkeenyummaan dhiyaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Walga’ichaan cinaattis Dooktar Habtaamuun Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Idil Addunyaa Soolaar Aliyaansi Dooktar Aajaay Maatuur waliin, haala walta’iinsa jiru cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment