Paaksitaanitti balaa lolaatiin lubbuun namoota 1061 darbe

Finfinnee, Hagayya 23, 2014(FBC)- Baatii Waxabajjii irraa eegalee Paakistaanitti balaa lolaatiin lubbuun namoota kuma 1 fi 61 darbuu gabaafame.

Balichaan namoonni miiliyoona 33 ol miidhamuu TRTn gabaaseera.

Biyyattiin balaa lolaa hamaan gaaga’amaa jiraachuu ibsameera.

lolichi midhaan lafa heektaara kuma dhibba 5 fi kuma 57 irraa dhiquufi beelladoota kuma 10 ajjeesuu Komishinii Ittisa Lolaa biyyattii wabeeffachuun kan gabaase ammoo BBCdha.

Lolichi kanarra hammaachuu akka danda’u ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment