Paakistaanitti sirni beeksisa kitaaba “Dhaloota Ida’amuu” gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC)- Paakistaanitti Embaasiin Itiyoophiyaa sirna beeksisa Kitaaba “Dhaloota Ida’amuu” Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin barreeffame gaggeesseera.

Sinicharratti Paakistaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Jamaal Bakarii fi Bareessaan Olaanaa Ministeera Barnootaa Paakistaan Waasiim Ajimaal Chaawudirin dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.

Ambaasaaddar Jamaal haasawaa taasisaniin, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad falaasama ida’amuu tarkaanfachiisaa jiraaniin, dameewwan garaagaraan tokkummaa naannawaa fi Paan Afrikaaniizimiif gumaacha olaanaa qaba jedhan.

Kitaaba Ministira Muummee Dooktar Abiyyiin barreeffaman “Dhaloota Ida’amuu” dabalatee kitaabilee biroon yaadonni qabatan dhaloota dhufuuf bu’aa kan buusan, garaagarummaa dhaloota gidduu kan qajeelchu, cimina darbee fi humna jiru fayyadamuun akkasumas hanqinaalee jiran gama guutuun gumaacha akka qabu kaasuu ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

Waasiim Ajimaal Chaawudirii gama isaaniin, Dooktar Abiy falaasama ida’amuu hordofaniin Itiyoophiyaan erga yeroo dhiyoo as guddina diinagdee fi siyaasaa galmeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Gufuulee jiran qaroominaan hambisuuf akkasumas biyya cimtuu ijaaruuf yaadamni “Dhaloota Ida’amuu” faayidaa olaanaa akka qabu ibsanii, Dooktar Abiy dhalootaaf bu’aa buusuuf tattaafachaa jiraachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment