Paakistaanitti balaan lolaa muudate lubbuu namoota 1100 fi qabeenya beelladaa kuma 794 galaafate

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Paakistaanitti balaan lolaa muudate hanga ammaatti lubbuu namoota kuma 1 fi 100 fi qabeenya beelladaa kuma dhibba 7 fi kuma 94 galaafachuu ibsame.
Namoota lubbuun darban keessaa 400 daa’imman ta’uu ibsameera.
Dhaabbileen fayyaa 800 balichaan barbadaa’uu Abbaan Taayitaa Hoggansa Sodaa Balaa biyyattii beeksiseera.
Sababa balaa lolaa muudateen lammiileen biyyattii miiliyoonni 27 hanqina nyaataaf saaxilamuu Abbaan Taayitichaa ibseera.
Oomisha midhaanii lafa hektaara miiliyoona 2 irra turerra miidhaa qaqqabsiiuu fi beelladoota kuma dhibba 7 fi kuma 94 ol ajjeesuu Waajjirri Qindeessituu Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii afaan oromo: https://bit.ly/3fjfcxr
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment