Paakistaan Hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)- Paakistaan Hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti guddisuuf murannoo qabaachuu Ministirri Raayyaa Ittisaa fi Aveeshinii biyyaatti ibsaniiru.

Paakistaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Jamaal Bakar Ministira Raayyaa Ittisaa fi Aveeshinii Paakistaan Kawajaa Asiif waliin hariiroo gamlamee fi hundagaleessa biyyoota lameenirratti mari’ataniru.

Ambaasaaddar Jamaal Bakar Mootummaan Itiyoophiyaa Diinagdee Gooroo tasgabbeessuuf ,Invastimantii alaa hawwachuun, Oomishtummaa guddisuu fi Carraa hojii uumuuf foyyeessi diinagdee taasisaa jirurratti ibsa laataniiru.

Ministirichi gamasaaniin, Itiyoophiyaan Imaammata biyyatti kara bu’aa qabessaa ta’een hojiiraa oolchuu Mootummaan Paakistaan xiyyeeffannoo olaanaa kan kennuuf ta’uu ibsuu ragaan Embaasicharra argame ni mul’isa.

Foyyeessiin Diinagdee Itiyoophiyaa nageenyaa fi Badhaadhinaa ishee qabatamaa taasisuuf ni deeggara jedhaniiru.

#Oromia Ethiopia

Comments (0)
Add Comment