Oromoon daagaa hidhee dhiqama biyyee hambisa, Biqiltuu dhaabee bosona kunuunsa, bishaan cimmisee bona dandamata – Preezdaanti Shimallisa Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Preezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Tajaajila Lammummaa Ashaaraa Magariisaaf waamicha dhiyeessaniiru.
Duudhaan Oromoo ganamaa ijaarsa biyyaaf utubaa, sirna diimookiraasii ammayyaaf bu’ura, akkasumas jijjiirama qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf fala qaba jedhan.
Oromoon daagaa hidhee dhiqama biyyee hambisa, Biqiltuu dhaabee bosona kunuunsa, bishaan cimmisee bona dandamata jechuun ibsan.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiitiin dhiyaateera.
Ummanni Oromoo ilaalama guutuun addunyaa hubata. Hubatee hiika itti kenna. Madaala uumaaf uumamaa eeguun hariiroo hawaasummaa qajeeltoo safuufi safeeffannaan sirneessee dhalootaa dhalootatti dabarsa.
Nagaa, yoo gaafatu ‘‘alaa manni, sa’aa namni, maatii waatiin xiqqaa guddaan nagayaa?’’ jedha.
Ilaalama guutuun uumaa hubata, kabaja uumaaf qabu uumama kunuunsuun agarsiisa. Akka tumaa seera Oromootti, bineensi bosonaa wayyuudha seera malee hin ajjeesani. Mukti bosonaa wayyuudha seera malee hin murani. Seera malee muruun itti gaafatama hordofsiisa. Bineensis gumaa qaba. Oromoon bineensa gosa galchee badiirraa baraara. Waan ta’eef aggaammiin bineensa gosa gale irratti taasifamu kamuu akka miseensa gosa sanaa hunda irratti aggaamametti ilaalama. Seerri kun hin jigu hin dhangala’u.
Dhaloonni har’aa kan darbe xiinxalee, rakkoo walxaxaa amma jiru hubatee egeree akeekuuf beekumsa dilboo abbootii isaa ganamaatti deebi’uu isa feesisa. Yoo kana hin goone ilaalama guutuu horachuuf ni rakkata.
Kanaan madaala uumamaa eegaa ture. Haa ta’u malee adeemsa keessa duudhaan kun laaffataa waan dhufeef aad-maleen aadaa ta’ee aadaan ganamaa manca’e. Kun waan ta’uu hin mallee.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee hawaas-diinagdee dam-daneessaafi rog-daneessaa ta’an karaa waaraa ta’een furuuf labsii tajaajila lammummaa labsee ummata Oromoo daangaa hanga daangaa sochoosuun daagaa dheerina kiiloo meetira miiliyoona hedduun lakkaa’amu hidhe. Sululas akkanuma. Kana malees manneen barnootaa kuma hedduutti lakkaa’aman ijaare, biqiltuu biiliyoona danuu dhaabee humna misoomaa guddaa qabaachuu agarsiise. Hundaa ol, qamadii jallisii bonee heektaara kumoota dhibba hedduun lakkaa’amu oomishee utubaa biyyaa ta’uu diinaafis ta’ee firaaf mirkaneessee jira. Hojiiwwan tajaajila lammummaan hojjetaman bal’aa, bu’aan argames akkanuma.
Bara 2013 qofa dhaadannoo “Oromiyaa haa uwwisnu!” jedhuun ummanni naannoo keenyaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 350 dhaabuun seenaa haaraa galmeesse. Duula Ashaaraa Magariisaa woggoottan sadan darban taasiseen uwwisni bosonaa naannoo keenyaas 17% irra ture gara 24%tti ol guddisuun danda’amee jira.
Sababa kanaanis dhiqamni biyyee xiqqaateera, burqaawwan gogan deebi’anii mirguu eegalaniiru, omishaafi omishtummaan keenyaas dabalaa jira.
Bara kanas akka naannoo keenyaatti qophiin biqiltuu ashaaraa magarisaa biliyoona 4.7 ol ta’uufi boolli biqiltuun itti dhaabbatu bil. 3 ol qophaa’ee jira.
Karoora ashaaraa magariisaarratti qabanne kana guutummaatti milkeessuuf karaa adda ta’een hirmaannaan ummata naannoo keenyaa daran murteessaa waan ta’eef hunduu hojii ashaaraa magariisaa bara kanaa keessatti qooda fudhachuun dirqama lammummaa isaa akka bahu waamicha dhiyeessan.
Oromiyaa ni Ijaarra
Itoophiyaa ni Utubna!
Gaanfa Afrikaa ni Tasgabbeessina!
Waaqnis nu Gargaara!
Shimallis Abdiisaa, Preezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Waxabajjii 13, 2014
FinfinneeOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment